top of page

waa’ee keenya

Horn of Africa Services (HOAS) dhaabbata bu’aa malee hojjetu 501(c)3 yoo ta’u, bara 1992tti Seattle, Washington keessatti hundeeffame. Erga hundeeffamee kaasee dhaabbatichi dammaqinaa fi of kennuudhaan hawaasa isaa tajaajilaa jira. HOAS erga waggoota kurnan lamaan darbanii kaasee hawwaasa isaa tajaajiluu keessatti dhiibbaa gaarii geessisaa jira.

Tajaajila isaa haala gaariin kennuudhaaf dhaabbatichi gareewwan adda addaa of keessaa qaba. Gareen adda addaa kun kalaqa damee tajaajila isaa dabaluu, miseensota hawaasaa aadaa adda addaa irraa dhufan , afaan isaan dubbataniin tajaajiluu. 

Dhaabbatichi waggoota kurnan darban keessatti hawaasa amantaa fi kabajaan tajaajiluudhaan maqaa gaarii horatee jira. Garee isaa adda addaa gochuudhaan HOAS tajaajila aadaa fi afaaniin adda ta’e tajaajila kenna turee ammas kennaa jira.

Mul’ata keenya

Godaantotni fi baqattootni Afrikaa Bahaa naannoo Seattle fi King county keessa jiran hawaasummaan, siyaasaa fi dinagdeen kan of danda’an akkasumas nageenya ummata waliigalaatif gumaachuu isaanii arguu.

Ergama keenya

Tajaajila afaanota hedduu fi aadaa hedduu kan godaantotaa fi baqattoota galii xiqqaa qaban uummatoota Afrikaa Bahaa irratti xiyyeeffate hojii Hawaasummaa, barnoota fi abukaatummaatiin sirreeffama hatattamaa fi yeroo dheeraa akka argataniif gargaaruu.

bottom of page