top of page
donate.png

 Sagantaa Tajaajila Deeggarsa Maatii

Sagantaan kun irra caalaa hawaasni keenya tajaajila isaan argachuuf malan haala sirrii ta’een fayyadamuu akka danda’an caalaatti dammaqsuu irratti xiyyeeffata.

Barnoota Hawaasaa

Sagantaa kun dhimmoota yeroo irratti hawaasa biratti hubannoo uumuu irratti xiyyeeffata, fakkeenyaaf hawaasni akkamitti Covid-19 irraa of eega. Dhimmoota/dhibeewwan hawaasa keenya keessa jiranii fi akkamitti akka dandamannu, akkasumas rakkoo jiru furuuf maal gochuu akka qabnu yokiin maal hojjechuu akka dandeenyu barsiisuu irratti xiyyefata. Fakkeenyaaf: gara jabummaan qama gara garaan rakkina isaan mudatu. Dabalataanis, dhimmoota bal’aa irratti beekumsa hawaasa keenyaf uumnana. Fakkeenyaaf: - Fayyaa Hawaasaa, qaamolee seera kabachiisan waliin walitti dhufeenya qabaachuu, tajaajila garaa gara argatan ogummaadhaan fayyadamuu fi kanneen biroo hedduudha.

1.png
2 (1).png

Walitti Dhufeenya Hawaasummaa

Sagantaan kun hawaasa walitti dhufeenya namoota gidduutti cimaa ta’e fi wantoota barbaachisoo ta’an irratti dammaqinaan hirmaannaa hawaasaa uumuudhaan hawaasa fayya qabeessa uumuuf kan yaadamedha. kan akka sagalee kennuu irratti dammaqinaan hirmaachuu, hawaasa naannoo waliin ariiroo gaarii uumuu, fi yaada qaban ibsachuu.

System Navigation

Hawaasn tajaajila naannoo isaanii jiru argachuu , barbaachisummaa, fi itti gaafatamummaa tajaajila argatan hubannoo uumuu irratti hojjeta. Tajaajiloota kana keessaa muraasni, mana jireenyaa galii xiqqaa qabaniif, gargaarsa kiraa manaa, gargaarsa oolmaa daa'immanii , sagantaa nyaataa fayyaa ofi eegachuuf, gargaarsa geejjibaa, faayidaa hoji dhabdummaa, mirgaa fi itti gaafatamummaa hojjettootaa, inshuraansii fayyaa gatii madaalawaa, filannoowwan faayinaansii barnootaaf, kanneen nuti irratti hojjennu keessaa muraasa isaaniiti.

DV Poster.png
IMG_9423_edited.jpg

Bulchiinsa Maatii

Sagantaan kun maatiin daa’ima/ijoollee isaanii akkaataa itti kunuunsan sirriitti kan beekan uumuuf kan yaadame dha.Kunis; kunuunsa sirrii ta'e ijoolleen akkaataa umurii isaaniitti akka godhamuuf, maatii wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuu, barbaachisummaa abbaa fi haadhaa, deeggarsa abbaan ykn haatni qofaa ijjoollee waliin jirtuuf (single parent), qormaata biyya ambaa keessatti ijoollee mudatu akkamitti akka mo’an.

bottom of page