top of page

Dhiibbaa Keenya

Workshopii qaxarrii fi Resume qopheessuu

Qophii hojii eegaluu, workshopii resume qopheessu waggaa guutuu ni laanna. Akka tajaajilaa ykn tola ooltummaa hawaasa gargaaruutti isin qabaachuu keenyatti gammadneerra.

Tajaajila Hawaasa Baha Afrikaaf

Biyyoota Baha Afrikaa irraa godaantota dhaloota tokkoffaa gosoota immigireeshinii adda addaa kan akka baqattootaa, fi koolugaltummaa, moo gosoota immigireeshinii biroo jalatti, ykn dhaloota lammaffaa tajaajila afaan keessaniin barbaadan?

HOAS afaan isin haasoftaniin isin gargaaruuf qophiidha. Mee nu haasofsiisaa

Hojjettotni keenya waa'ee keessaniif ni dhimmu, dhaga'uu, ni hubatu!

Hojjettitni keenya miseensota hawaasaa garaagaraa kannen afaan adda addaa dubataniin kan ijaarame yoo ta’u, bakka keessan ta'anii rakkina keessaniif furmaata kennuuf qophiidha.

Tola ooltummaa, fi carraa leenjii hojii

Hawaasa tajaajila barbaadu tajaajiluuf fedhii fi quuqama qabduu?

Sagantaa adda addaa kan itti hirmaattan fi hawaasa tajaajiluu dandeessan qabna, achumaanis dandeettii dhuunfaa keessan kan itti guddistan, fedhii barnootaa keessan guutuu, fi muuxannoo keessan gabbifattu.

 

Sagantaa tola ooltummaa keenyaan muuxannoo tajaajila hawaasaa, bulchiinsa pirojektii, bulchiinsa gargaarsaa, dandeettii barsiisaa, fi kanneen biroo hedduu ni argattu.

bottom of page