
Iyyattoonni Lammummaa ulaagaalee armaan gadii qabaachuu qabu:
-
Kaardii Magariisaa (Original)
-
Suuraa paaspoortii lama
-
Eenyummaa Naannoo/ Hayyama konkolaachisummaa
-
Adeemsa Amerikaa ala deemtan: Guyyaa ka'umsaa, Ji'a, Waggaa fi guyyaa itti deebitan. Guyyoota waliigalaa Amerikaan ala turtan.
-
Maqaa guutuu fi Guyyaa Dhalootaa / Yoo Inni/ Isheen lammii Amerikaa ta'an/
-
Maqaa Guutuu Abbaa fi Guyyaa Dhaloota / Yoo Inni/ Isheen lammii Amerikaa ta'an/
-
Teessoo waggoota shanan darban : guyyaa /Ji'a/ Waggaa seentanii fi baatan
-
Waggoota shanan darban Odeeffannoo qaxarrii ...... Maqaa Hojjechiisaa, ------ irraa hanga---- fi Gitoota Hojii
-
Odeeffannoo Daa'immanii: Maqaa Guutuu fi Guyyaa Dhalootaa / Kaardii Magariisaa ...
-
Kaffaltii iyyannoo $ 725, ykn kaffaltiin sun yoo xalayaa DSHS kooppii isa haaraa qabaattan dhiifamuu danda’a
-
Ragaa gaa'elaa /Yoo gaa'ela qabattan/
-
Ragaa wal hiikuu/ Yoo Hiikaan gaa'ela ta'e

Kardii Magariisaa argachuuf ulaagaalee armaan gadi qabaachuu qabdu: I-485

-
Suuraalee(passport size) dhiyeenyaa kan halluu walfakkaataa qaban lama kan ofii keessanii fi maatii keessanii dhiyeessu qabdu.
-
Gabaasa Qorannoo Fayyaa fi Galmee Talaallii (Unka I-693) .
-
Waraqaa Eenyummaa Mootummaan Kenne
-
Waraqaa I-94 kan haala baqataa ykn Koolugaltummaa agarsiisu
-
Ragaa Fuudhaa fi Heerumaa fi Ragaa Hariiroo Biroo/ Yoo jiraate/
-
Ragaa Dhaloota Daa'immanii maqaa maatii lamaan agarsiisu / baqattootaaf hin barbaachisu.
-
Teessoo bakka amma jiraattan
-
Teessoo gara Amerikaa dhuftan dura jiraachaa turtan
-
Teessoo waggaa tokkoo ol Amerikaan ala jiraattan.
-
Odeeffannoo ijoollee keessan hunda , Maqaa, Guyyaa Dhalootaa, fi Biyya Dhalootaa
-
Maallaqa ajaja iyyannoo $ 1,225
