Hubannoo Carraa Hojii Dhaabbatichaa
Horn of Africa Services imaammata hojii adda addaa, haqa qabeessaa fi walqixa ta’e hojiirra oolchuudhaan carraa hojii walqixa ta’e mirkaneessuuf kan of kenneedha. Hojjettotni keenya miseensota sabaa adda addaa, sadarkaa amantii, fi kkf hedduu of keessaa qaba.
Garaa garummaan aadaa, amantii, afaanii, fi kkf hojjettota keenyaa hawaasa afaan garaa garaan, fi aadaa wajjin walsimu akka kenninu nu dandeessiseera. Fuuldurattis miseensota hojjettota keenyaa adda addaa gochuu itti fufna.
Kun fuula nuti bakka hojii banaa, gosa hojii fi carraa tola ooltummaa hundaaf itti maxxansinudha. Dabalataanis, banaa hojii keenyaa bakka adda addaatti maxxansuu dandeenya. Odeeffannoo qaxarrii argachuuf bilbiluun ykn waajjira dhufuun hin barbaachisu. Bakka hojii banaa jiru ilaaluuf linkii armaan gadii cuqaasaa.


